Jiraattota Jahaannamaa Keessaa Baay’en Isaanii Dubartoota The Majority in Hell are Women

(Kan hiike fi kan qindeesse, qopheessaa)

Islaamummaa keessatti dhiironnii fi dubartoonni wal qixa akka hin taane kan naaf mirkaneesse barreeffama armaan gadii hadisa keessaa argadheedha. Muhaammad akkas jedhe: “Abidda jahaannamaa akkan ilaalu nan taasifame. Warroota achi keessa jiraatan keessaa baay’onni dubartoota.” Dubbiin kun kan himame hadisa keessatti yemmuu ta’u innis kan argamu sassaabbiwwan armaan gadii keessatti:-

Sahih Bukhaarii 29, 304, 1052, 1462, 3241, 5197, 5198, 6449, 6546 (akkataa lakkaawwii Faatah al Bariitin)

Sahih Musliim 80, 885, 907, 2737, 2738 (akkaataa lakkaawwii Abd Al-Baakitiin)

Sunnaan Al Tirmiizi 635, 2602, 2603, 2613 (akkaataa lakkaawwii Ahmad Shaakiirtiin)

Sunnan Al naasaay 1493, 1575, (akkaataa lakkaawwii Abi Gudaatin)

Sunnaan Ibn Majaah 4003 (akkaataa lakkaawwii Abd Al Baakitiin)

Musnaad Ahmad 2087, 2706, 3364, 3376, 3559, 4009, 4027, 4111, 4140, 5321, 6574, 7891, 8645, 14386, 27567, 19336, 19351, 19415, 19425, 19480, 19484, 20743, 21729, 26508 (akkaataa lakkaawwii  Iyah Al- Turaazitiin)

Muwaataa Maalik 445 (akkaataa lakkaawwii  Muwaataa Maalikitiin)

Sunnaan Al-Daariimii 1007 (akkaataa lakkaawwii Alaami fi zaarmiilitiin)

Waggoota dheeraa dura Islaamummaa irratti qorannoo yemmuun gaggeessu hadisa kana dubbiseen ture; Islaamummaa keessattis dubartoonni fi dhiironni wal qixa akka hin taane kan agarsiisu ragaa guddaa ta’ee argadheen jira. Jecha koo kanas akka armaan gadiittin ibsa:- mana barmsaa tokko keessa kutaalee lamatu jiru haa jennu. Lameen isaanituu lakkoofsa barattootaa walqixa ta’e qaban. Lakkoofsi isaanitis baay’edha. Lameen isaanitiifuu qorumsi ni kenname haa jennu. Barattoot kutaa (A) keessaa baay’en isaanii qoromsicha yoo darban barattoota kutaa (B) keessaa immoo baay’onni isaanii qorumsa ni kufan. Kutaalen lameenuu dandeettii sammuu walqixa ta’e qabaatan illee, sadarkaa barnootaa wal qixxee ta’e yoo qabaatan illee, qorumsi akaakun tokko kennamuuf illee, qabxii walitti dhihaatu akka argatan haaluma tokkoon jajjabeeffaman illee barattoonni kutaa (B) kufuu isaanitiif wanti dogoggora ta’e tokko raawwatamee jira. Kunis kutaan (B) akka kutaa (A)tti hin barsiifamne yookin immoo qorumsi kutaa (B)dhaf kenname baay’ee ulfaatadha jechuudha. Kanaafuu namichi qorumsa kenne sun haqa qabeessaa miti jechuudha.

Fakkeenyi armaan olitti argamu hadisa caqafame kanaaf ni hojjeta. Dubartoonnif dhiironni wal qixa yoo ta’an lakkoofsi isaanii jahaannama keessatti aragamus wal bira qabiinsan wal qixa ta’uu qaba. Kuni ta’uu baannan garuu dubartoonni cubbuudhaf caalatti kan saaxilamanii fi baay’es kan qoramani (qorumsa ulfaatatu kennameef) yookin immoo carraa wal fakkaataa dhiironni argatan hin arganne jechuudha (barumsa gadi aanaa argatan jechuudha). Kanaafuu kuni dhuma irratti wanti agarsiisu Waaqayyo yemmuu isaan qoru haqa qabeessa hin turre yookin yemmuu isaan uumu haqa qabeessa hin turre jechuu ta’a.

Kanaan olitti wanti nuti dabaluu dandeenyu uumamaan akka mul’atutti dubartoota caalaa dhiironni baay’en akka dhalataniidha (5%  ol), kana jechuunis (baay’onni isaanii dargagummaatti du’anis) lafa irratti dubartoota caalaa dhiironni baay’en jiraatanii jiru. Kanaafuu (lafa irra lakkoofsa dhiirotaa jiraatan irraa ka’uudhanis yoo ilaalle) dubbiin kun baay’ee cimaa ta’a.

Wanti Muhaammad dubbate baay’ee ifa ta’us hiika ingiliffaa irratti mormiin ka’uu danda’a ta’a. baay’ota jecha jedhuuf hiikni Arabiffaa inni sirriin maali? 50.1% fi 49.9% jedhamee hiikkamu ni danda’aa laata? Yookis immoo Arabiffi lakkoofsa irratti garaagarummaan baay’en akka jiru ni agarsiisaa?

Arabiffaan “Aktaar” jecha jedhu yemmuu ta’u yeroo baay’ee faayidaa irra kan oolu lakkoofsa irratti garaagarummaa baay’en yoo jiraatedha. Kanaafuu hadisni kun sheekota hunda biratti kan hubatamu “baay’ee kan baay’atu” hiika jedhu akka qabuudha. Anis yeroo tokko namni tokko “namoota jahaannama keessa jiraatan keessaa lama sadaffaan dubartoota” jedhee yemmuu dubbatu dhagaheen jira. Kana waan ta’eef naannessaa (context) isaa irraa yemmuu kaanu 50.1% fi 49.9% jennee hiikuu hin dandeenyu.

Sababni biraa immoo Muhaamma ija isaatin kan arguu danda’e garaagarummaa baay’en jiraachuu isaati. Inni hin lakkoofne yookin immoo Waaqayyo lakkoofsa itti hin himne. Garaagarummaan kunis ijaan kan mul’atu yoota’e garaagarummaa 1% yookin 2% ta’uu gonkumaa hin danda’u.

Dubbii kana irratti ani qorannoo dabalataa taasiseen jira. Waa’ee kanaa yemmuu dubbannu yeroo baay’ee kan caqafamu hadisa armaan olii kanadha. Haata’u malee ani hadisa biroo kan armaan gaditti argmu argadheen jira. “Jiraattota jahaannamaa keessaa harki baay’en dubartootadha” Volume 7, Book 62, Number 124. Jechi Arabiffaa eddoo kanatti gale ifa akka taasisutti Muhaammad kan dubbatu waa’ee jiraattota gahaannamaa lakkoofsan baay’ee baay’ataniiti.

Usaaman akka seenessetti

Raajichi akkas jedhe :- “Ani balbala jaannataa irra dhaabbadhee kanan arge namoota gara seenan keessaa baay’onni isaanii hiyyeeyyii akka ta’aniidha; dureeyyin balbala irra akka dhaabatan yemmuu taasifaman (qorannoo herregaatif); haata’u malee warri michoota ibiddaa ta’an gara ibidichaatti akka fudhataman ni ajajamu turan. Anis balbala ibidichaa irra nan dhaabbadhe, gara sana kan seenan keessaa baay’onni isaanii dubartoota akka ta’an nan arge.” Hadisni kun kan argamu:-

Saahih Bukhaarii 5196; 6547 (Akkaataa lakkaawwii Fat Al Bukhaaritiin)

Saahih Musliim 2736 (Akkaataa lakkaawwii Abd al Baakitiin)

Musnaad Ahmad 21275; 21318 (Akkaataa lakkaawwii al Turaazitiin)

Eddoo kana irratti “baay’ee” kan jedhuuf jechi Arabiffaa faayidaa irra oole “Ammah” kan jedhu yemmuu ta’u shakki tokko malee kan garsiisu lakkoofsaa baay’ee baay’atuudha. Kanaaf akkuma agartan ani jechi “baay’ee” jedhu hiika qajeelaa miti kana jedheef kana irraa kan ka’eedha. Kanaafuu Muhaammad sirriihan dubbachaa kan jiru namoota jahaannama keessa jiran keessaa harkii baay’atan dubartoota akka ta’aniidha. Dubbii kanaaf maddeen jiran kanneen armaan gadiiti:-

Bukhaarii keessatti si’a 11

Saahih Musliim keessatti si’a 6

Ahmad keessatti si’a 27

Walumaa galatti (hadisoota saglan jiran hunda keessattuu) si’a 53 caqafamanii jiru.

Kunis “jiraattota jahaannamaa keessaa harki baay’ee baay’atan dubartoota” hadisni jedhu kitaabota amanamoo ta’an heddu keessatti waan caqafamee fi seenessitoota wal qabatanii jiran kanneen biroo keessatti waan gabaafameef sirrumaan dubbii raajichaan dubbatameedha. Kanaafuu hadisni kun akka dubbii bu’uuratti amanamummaa hin qabu jedhanii dubbachuun hin danda’amu.

Yaadachiisa Qopheessaa

Islaamummaa keessatti garaagarummaa dubartootaf dhiirota gidduutti argamu Qur’aannis hadisnis ni rageessu. Jahaannama kan dhiphisan dubartoota ta’uun isaanii  eddoowwan baay’etti galmaa’ee waan jiruu fi hadisa armaan olitti ibsame keessatti waan dubbatameef haalli kun baay’ee sukkaneessadha. Abdiin amantaan tokko hordoftoota isaatif kennu Islaamummaa keessatti dubartootaf maalif kennamuu dhiise? Dhugaan kun dhiirota mataa isaanitiif miira akkamiit isaan keessatti uuma? Dhugumaan loogiin (garagar baasummaan) saalaa haqa dhabeessa ta’e kun Waaqa biraa kan dhufeedhaa? Qopheessitoonni fuula kanaa dubartoonnis ta’anii dhiironni Musliimaa gaafilee kanneeni fi kan biroo akka itti yaadan ni fedhu.

Dubbii Waaqayyoo kan ta’e Macaafni Qulqulluun ergaan inni dabarsu garuu baay’ee dinqisiisadha. Sanyiin ilma namaa kamiyyuu cubbamaa waan ta’eef murtiin jahaannamaa kan isa eeggatuudha. Namni tokko saala isaatin yookin nama amantaa ta’uu isaatin yookin immoo hojii gaarii lafa kana irratti hojjete irraa kan ka’een murtii Waaqayyoo qulqulluu ta’e jalaa ba’uu hin dand’u. Ilmi namaa hundi garaaagarummaa saalaa malee murtii dheekkamsaa jala jira. Ilma namaa fayyinaaf abdii tokkollee hin qabne kanaaf Waaqayyo uuman karaa fayyinaa fi isa waliin ittiin araaramu baay’ee amanamaa ta’e qopheessee jira. Karaan kunis cubbamoota hundaaf bakka bu’aa ta’uudhan fannoo irratti fannifamee saboota hundaaf gatii kan kanfale karaa Gooftaa Yesus Kiristoosin warroota isatti amanan hundaaf ifa ta’ee jira.

Garaagarummaa saalaa, umrii fi sadarkaa tokko malee cubbuu isaanitiif dhiifama gaafatanii amanamummaa karaa Gooftaa Yesusin jiru isa cubbuu isaanitiif du’een namoota gara Waaqayyoo dhufan hunda akka simatu Waaqayyo waadaa seenee jira. Yaa dubbistoota! Kakuu kana keessatti isinis fayyadamtoota ta’uu fi karaa Kiristoosin jireenya bara baraa bilisaan argachuuf akkasumas jaannata keessa Waaqayoo fi saba isaa waliin jiraachuf ni dandeechu. Wanta guuyyaan fidu hinbeektaniiti ejjennoo kana fudhachuu irraa aakka duubatti hin harkifanne isin ni affeerra. Waaqayyo inni gara-laafessi ayyaana isaatin isin haa gargaaru. Amen.

Maddi hiikkaa The Majority in Hell are Women

Islaamummaadhaf Deebii, Afaan Oromoo Fuula Duraa