Muhaammad Ergamaa Waaqaa isa dhugaatii? (Is Muhammad a true Prophet of God? Part one)

Sam Shamoun

Kutaa Tokkoffaa [Kutaa Lammaffaa]

 

(Qopheessadhaan kan Hiikame)

Barreeffamni armaan gadii kun Muhaammad ergamaa Waaqaa isa dhugaadha jedhanii warra amananiif amantiin isaanii sirrii akka hin taane qabxiilee agarsiisan ja’a qabatee jira. Musliimota barreeffama kana dubbisan yaadota kanneen of eeggannannoo fi kadhannaa keessa ta’anii akka dubbisan akkasumas kunneen dhugaa ta’uu fi dhugaa ta’uu dhabuu isaanii akka ilaalanii fi hubatan isaan ni gaafanna.

Dhugaa barreffama kana keessa jiruunis Gooftan keenya Yesus Kiristoos Musliimota dukkana keessaa gara ifa isaa ulfina qabutti akka isaan baasu ni kadhanna.

Yaada Guddaa Tokkoffaa

Muhaammad Adeemsa Raajota Isa Dura Turanii Akka Hordofu Dubbatee Jira

“Yaa isin warri amantan! Allaah fi ergamaa isaatti kitaaba inni ergamaa isaa irratti buusetti kitaaba inni isa dura gadi buusettis amanaa. Allaah fi ergamoota (Malaa’ikaa) isaa barreeffamoota isaa ergamtoota isaatis guyyaa dhumaas namni gane dogoggora (dhugaa) irraa fagaate ni dogoggore” 4:136

“Ergamtichi gooftaa isaa biraa kan isarratti bu’e ni amane. Amantoonnis (akkanuma) hundi isaanituu Allaahtti, Ergamoota isaatti kitaabota isaattis, ergamtoota isaa gidduutti tokkollee adda hin baasnu (kan jedhan yoo ta’an) ni amanan. Ni dhageenyes ni ajajamnes gooftaa keenya! Dhiifama (ni barbaanna) deebi’uunis gara kee qofa jedhan” 2:285

“Ergasiis gara kee amantiin Ibraahim qajeelaa yoo ta’u hordofi, inni warra Mushrikoota (Allaah waliin waaqa biraa kan waaqeffatan) keessaa tokko hin turre jechuu sirratti buusne” 16:123

“Isa gara kee bu’e sana jabeessii qabadhu, ati karaa qajeelaa irra jirtaati; innis (Qur’aanni) ofii keeti fi saba keetif ulfina guddaadha. Gara fuula duraattis isa irraa ni gaafatamtu. Ergamoota keenya isaan si dura ergine keessas (duuka buutota isaanii) al-rahmaanin ala kan biraatif akka bitaman goonee jirra yoo ta’e mee gaafadhu” 43:43-45

“(Murtii) kanaafis namoota waami, akka ajajamte sanattis qajeeli. Gara isaan goranis hin hordofin. Jedhiinis wanta Allaahn buuse hundattis nan amane. Isin jidduuttis wal qixxeessuf nan ajajame. Allaahn gooftaa keenya gooftaa keessanisi. Nuti hojiilen keenya nuuf jiru. Isisniifis hojiileen keessan isiniif jiru. Nutiif isin gidduutti mormiin hin jru. Allaahn nu jidduutti ni sassaaba. Deebinis gara isaa qofa” 42:15

“Isaan warra nuti kitaabotaa fi raajummaa isaanif kennineedha. Isaan (gantoonni Makkaa) saba isaan ganuu hin dandeenye dhugumaan qopheessinee jirra. (Raajonni) kunneen isaan warra Allaahn dhiifama isaanif godheedha. Karaa isaanitis duuka bu’i:- isa (Qur’aana) irratti gatii homaa isin hin gaafadhu. Inni addunyootaf abboommii malee homaa miti jedhiin” 6:89-90

“Gara keetitti kan buusne irraa shakkii keessa yoo jiraatte warra si dura kitaabicha dubbisan gaafadhu. Dhugaan gooftaa kee irraa siif dhufee jira. Shakkitoota keessas tokko hin ta’in” 10:94-95

(Kutaalee Qur’aanaa armaan olitti caqafaman irratti akkuma ifa ta’ee argamutti) Muhaammad kan itti himame qajeelfama isa dura ture akka hordofuu fi ergaa isaatis kitaabota qulqullaawoo isa dura jiran irraa akka mirkaneeffatu ture.

Kana jechuunis ergaan isaa ergoota raajota isa dura turan waliin wal fakkaachuu qaba jechuudha. Macaafni Qulqulluun kan nutti himu Yesus dhuma mul’atoota hundaa akka ta’eedha; kanaafuu raajonni isa booda dhufan hundi kan dubbachuu qaban angoo yookin maqaa isaatin ta’uutu irra jiraata; akkasumas wangeela isaa kan barabaraa labsuu qabu.

“Nyaata jireenna barabaraatiif jiraatu kan ilmi namaa inni Waaqni Abbaan chaappaa isaa isa irratti mallatteesse sun isinii kennuuf dadhabaa malee nyaata baduuf hin dadhabinaa.” Yohannis 6:27

“Waaqni nagayaa inni karaa dhiiga kakuu barabaraatiin Gooftaa keenya Yesuus, tissituu hoolotaa guddicha sana warra du'an keessaa kaase sun” Ibroota 13:20

“Maleekkaa biraas otoo inni samii walakkaa barrisuu nan  arge; innis warra lafa irra jiraatanitti jechuunis saba maratti, gosa maratti, afaanii fi Sanyii  maratti akka lallabuuf wangeela barabaraa qaba ture.” Mul’ata 14:6

“Anis isaaf sagaduuf jedhee miila isaa irratti lafa dhaye; inni garuu akkana naan jedhe; " Naa hin sagadini! anis hojjatumaa sii fi obboleeyyan kee warra Ye-suusiif dhuga-bahan wajjiin tajaajiluu dha. Waaqaaf sa-gadi; dhuga-bayiinsi Yesuusi  hafuura raajiitii” Mul’ata 19:10

Muhaammad ergaa Kiristoos waan faallesseef akkasumas Ilma waaqaa ta’uu isaa waan ganeef ergaan isaa Waaqa biraa kan dhufe ta’uu hin danda’u.

“Nama akka Yesuus masiihii ta'e ganu malee sobduun eennu ree? Namni akkasii Kiristoosiin morma; Abbaa fi Ilmas ni gana.  Namni Ilma ganu kamiyyuu Abbaallee hin qabu; namni waayee Ilmaa dhugaa bawu cuftinuu Abbaas qaba.” 1Yohannis 2:22-23

(Armaan olitti sagalee Waaqayyoo keessatti akkuma ilaalle) dhugumatti Muhaammad dhuma irratti sadarkaan inni irra gahe Waaqayyo sobaa gochuudha.

1Yohannis 5:9-13 “Dhuga-bayiisa namaa ni fudhanna; dhuga-bayiisni Waaqayyoo garuu kana caalaa guddaa dha; dhuga-bayiisni kun isa Waaqayyo waayee Ilma isaa dhugaa ba'e sanaatii.  Namni ilma Waaqayyootti amanu kamiyyuu dhuga-bayiisa kana garaa isaa keessaa qaba; namni Waaqa hin amanne garuu waan isa Waaqni waayee ilma isaa dhugaa baye sana hin amaniniif inni Waaqayyuu sobduu godheera. Dhuga-bayiisni sunis isa kana; Waaqayyo jireenna barabaraa nuu kenneera; jireenni sunis Ilma isaa keessa jira.  Namni Ilma sana qabu jireenya qaba; namni Ilma Waaqayyoo hin qabne immoo jireenya hin qabu.  Yaada Xummuraa  Isin warri maqaa Ilma Waaqayyootti amantan akka jireenya barabaraa qabaachuu keessan beettaniif ani waan kana isinii barreessa.”

Xumura Dubbichaa:- Muhaammad Waaqa Dhugaa Kan Sobu Waan Fakkeessef Raajii Dhugaa Ta’uu hin Danda’u

Yaada Bu’uuraa Lammaffaa

Macaafni Qulqulluun Akka Dubbatutti Xibaartummaa Fi Tolchi Raajii Waaqayyoo Isa Dhugaa Irratti Hojjechuu Hin Danda’u.

“//////////” Seera Ba’uu 23:23

“Namoonni torbaatamii lamaan sunis gammachuun deebi'anii, "Yaa Gooftaa, jinniiwwanilleen maqaa keetiin nuu ajajamaniiru" jedhan. Yesuusis deebisee akkana jedhe; "ani otoo Sheexanni ak-kuma balaqqeetti samii irraa bu'uu nan arge.  Kunoo, ani akka isin bofaa fi torbaan qabaaf lafatti dhidhiittaniifi akka humna dii-naagmaras moo'attaniif aangooh isinii kenneera; wanni kamiyyuus isin hin miidhu. Garuu  sababii maqaan keessan samii keessatti barreeffameef gammadaa malee sababii hafuuronni isinii ajajamaniif  hin gammadinaa.” Luqaas 10:17-20

Muhaammad qorumsa kana darbuu hin dandeenye sababni isaatis xibaartuun Yihudii tokko xibaarummaa irratti hojjetee jiraati. Musliimonni akka dubbatanitti boqonnaaleen Qur’aanaa 113 fi 114 kan  “mul’ataniif” Muhaammad abaarsa kana jalaa baasufi jedhu. Kana ilaalchisee hadisni kan galmeesse garuu:_

Ayishaan akka dubbattetti:- garbicha Allaah irratti xibaarummaan (digimtiin) hojjetamee ture kanaafuu niitolii isaa waliin qunnamtii saalaa osuma hin raawwatin akka waan raawwatee itti fakkeessa ture. (Suufiyaan kan dubbatetti immoo amala akkanaa kana agarsiisuun isaa xibaarummaan sun baay’ee ulfaataa ta’uu isaat agarsiisa jechuudha). Gaaf tokko innis akkas ajedhe, <yaa Ayishaa waa’ee wantan gaafadhee Allaah akka na barsiise beektaa? Namoonni lama gara koo dhufanii tokkichi mataa koo dura inni biroo immoo karaa miila koo taa’anii namichi inni duraa ‘nama kana maaltu tuqe?’ jedhee gaafate, inni lammataa immoo ‘inni too’annoo xibaartummaa jala jira’ jedhee deebiseef>.

Namichi inni duraa ‘isa irratti xibaartummaa kan hojjete eenyu?’ jedhee gaafate; namichi inni lammataa immoo ‘Labid Bin Al Asam kan jedhamu nama banii Zuraayiq irraa ta’eedha; innis dura-bu’aa Yihuudotaa fi nama fakkeessadha’ jedhee deebiseef. Namichi duraas ‘inni xibaarummaa sana hojjechuuf maal fayyadame?’ jedhee gaafate; kan lammataas ‘filaa rifeensi irra jiruudha’ jedhee deebise. Namichi duraa sunis ‘inni (filaan rifeensaa sun) eessa jira’ jedhee gaafate. Namichi kuunis ‘golga daraaraa muka teemira kormaa keessa ta’ee boolla daarwaan keessa dhagaa jala taa’ee jira’ jedhee deebise. Kanaafuu raajichi gara boolla sanaa deemee wantoota sanneen baasudhaan akkas jedhee dubbate:- <boollin ani (abjuudhan) arge isa kana ture. Bishaan isaa baalonni hinnaa kan itti faca’an yoo fakkaatu mukoonni teemiraa immoo mataawwan seexanaa fakkaatu turan>. (Sahih al-Bukhari, Volume 7, Book 71, Number 660; see also number 661)

Ayishanis akka armaan gadii jetteet dubbatte:_ raajichi yeroo tokko xibaarummaan itti godhamee ture kanaafuu wanta hingoone tokko akka waan godhee itti fakkaachaa ture. (Sahih al-Bukhari, Volume 4, Book 53, Number 400)

Yaadachiisa Qopheessaa

Waa’e jireenya keenyaa dhugumaan itti yaaduu qabna, sababni isaas amantaan nuti hordofnu sirrii ta’uu isaa beekuu waan qabnuufi. Raajichi amantaa Islaamaa eegale dhugumaan raajii dhugaatii? Jechuudhan gaafachuuf saalfachuu yookin sodaachuu hin qabnu. Barreeffamni armaan olitti argamuu fi kutaaleen itti fufanii jiran Muhaammad raajii dhugaa uumaa ta’uu fi ta’uu dhabuu isaa ni agarsiisu. Garaa bal’aadhan dubbisaa; amantaa Waaqa isa dhugaa hordofaa jirtuu? Yoo hin taane ta’e yaachisaadha. Qopheessichi kan gorsuu fi kan yaadachiisu dhugumaan akka itti yaaddaniifi. Waaqayyo karaa hafuuraa isa dhugaa akka isiniif ibsu kadhannaa keenya. Waaqayyo isin haa gargaaru, Amen.

Kutaa lammaffaa itti fifaa

Maddi hiikkaa  Is Muhammad a true Prophet of God?

Islaamummaadhaf deebii, Afaan Oromoo Fuula Duraa