Kayyoo Guddaadhaf nan Waammame (Called to a higher purpose)
Azad from Iraq Kurdistan
(Kan Hiike fi Kan Qindeesse, Qopheessaa)
Ani kanan dhaladhee fi kanan guddadhe kaaba Iraaq keessatti yoo ta’u warri kootis galii giddu galeessa ta’e kan qaban turan. Haati koo kan duute ani daa’ima waggaa afurii yemmuun turetti yoo ta’u abbaan kootis niitii biraa fuudhudhaaf hin barbaadu ture. Akkuma abbaa gaarii kamiituu haala dansaadhan na kunuunsu fi na jaalachuudhan na guddisee jira.
Abbaan koo waa’ee barumsa Islaamummaa baay’ee yaada ture. Qubeelee Arabiffaa, Qur’aana fi seera Islaamummaa xinnummaa koo irraa eegalee na barsiisa ture. Innis sagalee baay’ee bareedaa qaba waan tureef galgala galgala rafuu keenyan duratti sagalee isaa ol kaasudhaan Qur’aana ni dubbisa ture. Wanti inni jedhu naaf galuu baatus garuu gammachuu adda ta’e naaf kenna ture. Erga inni du’ee boodas taanan waa’ee hafuuraa yaaduu yemmuun barbaadutti sagalee isaa sammuu koo keessati nan yaadadhan ture. Umriin koo waggaa ja’a erga guute irraa jalaqabee Qur’aana dubbisuu danda’een ture, akkasumas ramadaana soomu fi kadhannaa waggaa saglaffaa kootitti eegaleen ture.
Ganna keessa yeroo boqonnaa gara masgiida dhiheenyatti argamuu adeemudhaan waa’ee Qur’aanaa barachuu koo ittuman fufe; akkasumas Qur’aana akkamitti hiikun akka danda’amu, waa’ee Muhaammadii fi waa’ee kaalifootaa barachuu koo ittuman fufe. Barataa mana barumsa sadarkaa ol aanaa yemmuun turetti paartii siyaasaa barattoota Musliima ilaalcha tarkaanfataa qabaniitti nan makame. Paarticha keessattis torbee torbeedhan walga’ii ni qabna turre. Walga’icha irrattis karaa Islaamummaa fi akkamitti akka barattoota Musliimaa dammaqqii qaban ta’uu dnadeenyu ni mari’anna turre. Jidduuttis ani barumsa seera Islaamummaa barachuu ittin fufe; dabalataanis Qur’aana karaa sirriidhan dubbisuu akkamitti akka dandeenyu, jireenya Muhaammad, hadisa, siiraa fi luga Arabiffaa nan baradhe. Barnoota sadarkaa lammaffaa ergan xumuree boodas particha keessatti miseensa guutuu ta’een ture. Waggaa 18ffaa kootittis kolleejjii seenen ture. yunivarsitichis kan argamu magaalaa biroo keessa ture. Achittis barattoota miseensa paartichaa turan heddu waliin wal baruu nan eegale.
Yeroo kanattis gaafileen heddu gara sammuu kiyyaatti dhufuu jalqaban. Gaafilee kanneenifis debii hin qabun ture. Fakkeenyaf :- “kaayyon jireenyaa maali?”, “Waaqayyo kan hordofnuu fi seera isaa kan eegnu maalifi?” kan jedhan turan. Deebileen “ani jinnii fi namoota kanan uumef akka na waaqeffataniifi” jedhu na quubsuu hin dandeenye (52:57). Ani kaayyoo kana caalu akkan qabu naaf galee ture. Kunis waliti dhufeenya gabraa fi gooftaa caalu Waaqa waliin qabaachuf akkan uummame hubadheen ture. Dabalataanis wantootan guyyaa guyyaatti naannoo kootitti arguun nan dhiphadhan ture. Kitaabonni seenatis na jeequ turan. Fakkeenyaf jireenyi Muhaammadii fi amalli isaa akkasumas fincilli akka amma ilaalaa jirru kanaa fi Qur’aana fi seenaa keessatti fincila dubbisnu kan fakkatu dabalatee hundinuu na jeequ turan.
Bara kolleejjii duraa keessatti amantiin Islaamummaa irratti qabu nan gate. Booddes dammaqqiidhan gaafilee kootif deebii argachuuf barbaadun eegale. Jalqaba irratti amantii isaanii qooduu irratti of eegganno kan taasisan Kiristiyaanota Iraaq jidduutti, itti aansudhaan Yaazidoota jidduutti, jechuunis warra amantii Kurdi durii hordofan jidduutti, boodas Itiizimii (Waaqayyo hin jiru jedhanii warra amanan) jidduutti barbaacha koo ittuman fufe. Haata’u malee ani Waaqayyo akka jiruu nan beekan ture garuu karaa isatti nama geessuu danda’u hin beekun ture yookin immoo yeroo tokko tokko namni isa waliin walitti dhufeenya qabaachuu akka qabu hin beekun ture.
Waggoota booda gaafa tokko Waaltar nama jedhamu nan argadhe. Innis umriin isaa soddomman keessa seenee ture. Isa waliin hamma sa’aatii tokkoo waa’ee siyaasaa ni haasofne. Waa’ee baha giddu galeessaa, waa’ee Ameerikaa, waa’ee seenaa, waa’ee amantii fi waa’ee Waaqayyoo ni haasofne. Yeroo jalqabaatif Kiristiyaana aadaa osoon hin ta’in Yesusitti amanuu akkan danda’u nan dhagahe. Akkasumas Waaqayyo nama kan uume isa waliin akka ta’uu fi isa waliin walitti dhufeenya akka qabuuf akka ta’e, cal jedheetuma isa waaqeffachuudhaf akka hin taane nan dhagahe. Nuti ijoollee finciltoota taanus Waaqayyo abbaa keenya akka ta’e akkasumas akka nu jaalatu nan dhagahe. Haala nama ajaa’ibsiisunis Addaam irraa eegalee hamma Yesus Kiristoositti seenan Macaafa Qulqulluu akka wal qabatuu fi xiyyeeffannoon hundaatuu waa’ee Yesus fayyisaa akka ta’e nan dhagahe. Yaanni inni dhumaa kun baay’ee ajaa’ibsiisaa ta’ee nan argadhe, sababni isaatis waa’ee beekkumsa koo kan Qur’aanaa irraa kan ka’eedha.
Waaltar ji’oota lamaaf deebisee arguunii hin dandeenye. Irra deebidhaan akkan isa dubbisu dhiibban miiraa hamma gaafa natti dhagahameetti isa dagadheen ture. Isa barbaaduu nan jalqabe, dhuma irrattis teessoo imeela isaa nan argadhe. Imeelas nan ergeef, innis naaf deebise. Dhma irrattis wal arguudhaf murteessinee torbee muraasa keessatti wal arguu dandeenye.
Kitaaba caalatti na gargaaruu danda’u akka naaf kennu isa nan gaafadhe. Yeroon isa gaafadhettis kitaaba nama Islaamummaa yookin kurdi irraa gara Kiristiyaanummaatti jijjiirramee barreeffame naaf laata jedhee eegen ture. Haata’u malee inni kan na gorse Macaafa Qulqulluu akkan dubbisuudha. Ani Macaafa Baroota dheeraa lakkoofsisetti akkan amanu taasisee na lakkaa’uun isaa baay’ee na dinqisiisee ture. Hundumaafuu yaada isaa irraa fudhadhee Macaafa Qulqulluu dubbisuu ittin fufe, kanan jalqabes wangeela yohaannis irraan ture. Jechoonni jalqabaa wantootan sana dura dhagahe hunda irraa baay’ee adda turan.
“Jalqabatti dubbiittu ture; dubbichis Waaqayyo wajjiin ture; dubbiin sunis Waaqayyo ture. Innis jalqabatti Waaqayyo wajjiin ture. Wanni hundinuu isaan uumame; waan uumame hunda keessaas wanni isaan malee uumame tokkoyyuu hin turre. Jireenni isa keessa ture; jireenni sunis ifa namootaa ture” Yohannis 1:1-4
Dubbisuu koo ittuman fufe. Waa’ee Hafuura Qulqulluu yemmuun dubbisutti miira cimaa kana dura hin qabne keessa seenen ture. Kunis guutumaa guututti nama hafuuraa ta’uu fi yaaduu danda’uudha. Torbeewwan itti fufanii jiran muraasa keessatti Macaafa Qulqulluu dubbisuu irraa kan hafe hojii biraa hin qabun ture. Gaafilee koo hundaafis wanta deebii ta’u nan argadhe. Jireenya koo keessatti yeroo jalqabaatif seenaa ilma namaa jalqaba irraa eegalee hamma ammaatitti jiru hubachuu danda’een ture. Innis yaada guddaa tokkoo fi isa qofaa keessatti kan argamuudha. Yaanni gudaan kunis:- Yesus fayyisaa ilmaan namootati kan jedhuudha.
Gaaf tokko obboleetti koo magalaa biroo keessa jiraattu irraa naaf bilbilame. Isheenis akkan bira dhaqu barbaaddee turte. Ishee bira deemuu nan barbaade, haata’u malee Macaafa Qulqulluu qabadhee deemuu akkan hin dandeenye bareen ture. Sbabni isaas kokolaataa guddaadhan waanan deemu fi sakatta’iinsonni baay’een karaa irra waan jiraniifi. Anis Macaafa Qulqulluu sana yoo argan rakkoo keessa nan gala jedhee sodaadhen ture. Obboleettin koo ulfa waan turteefi dhukkubsattee waan turteef yoo xinnaate rorbee tokkoof achi turuun narra jiraata. Yeroon achi turettis kutaa Macaafa Qulqulluu tokko qofa argacuu osoon danda’ee jedhee hawween ture. Yeroo sanattis macaafni Qulqulluun intarneetii irra akka jiru gra sammuu kootitti hin dhufne ture. Guyyaa jimaataa tokko galgala ergaa imeelaa tokko Waaltar biraa akkan qabu nan bare. Ergichas nan bane, innis kanneen biroo irra adda ture. Akkana kan jedhu ture:-
“Waaqayyo tiksee kooti,ani homaa hin dhabu!
Inni marga lalisaa keessa akkan boqodhu in godha, gara laga itti aara galfatanittis na geessa.
Ani bowwaa dukkanaa sodaachisaa keessa yoon deeme iyyuu, hamaan anatti dhufa jedhee hin sodaadhu; ati ana wajjiin jirta, uleen keeti fi dhaabbanni kee ana in jajjabeessu.
Utuma warri na cunqursan laalanii, ati maaddii naaf in dhiheessita mataa koos dhadhaa ejersaa in dibda, xoofon koos guutee irra in dhangala’a.
Eeyyee bara jireenya koo hundumatti gaarummaan kee fi arjummaan kee ana duuka in bu’u; guyyoota kana hundumaafis mana Waaqayyoo keessa nan jiraadha.” Faarfannaa 23:1-6
Galgala hafe sanas kutaa kana deebisee deddeebisee dubbisuudhan nan dabarse. Gammachuu fi wabii sagaleen kun kennu irraa kan ka’e ija koo keessaa imimmaan ni dhangala’a ture. Yeroon rafes ganama bari’uu isaa malee yerichi hammam akka deeme hin beeknen ture. Haata’u malee guyyichi sanbata osoo hin turin diilbata ture. Haata’u malee ammas Faarfannaan 23 gurra koo irratti ni bilbila ture. Obboleettin kootis ta’ee dhirsi ishee maalif hammas akkan rafe na hin gaafanne. Anis gaafa sanbataa guyyaa guutuu rafuu koo fi rafuu dhiisuu koo isaan gaafachuuf barbaadus garuu qaana’ee (saalfadhee) isaan hin gaafanne. Gaafachuun bu’aa hin qabu, sababni isaatis ani du’ee du’aa ka’uun koo (jireenya haarawa argachuun koo) natti waan dhagahameefi.
Guyyoota muraasa itti fufanii jiran keessatti ani jijjiiramuu kooti fi nama biraa ta’uu koo hiriyoota kootitti nan hime. Yemmuun waa’ee amantaa kootii itti himus miira keessa ta’een ture. Haata’u malee waa’ee Waaqayyoo dhagahuuf eenyumtuu dantaa waan hin qabaannef abdii nan kutadhe. Namni hunduu wa’ee Waaqayyoo dhagahuuf yeroo kan hin qabne fakkaata ture. Maatin koo jijjiirramuu koo ni ganan, tarii anaa fi amantii koo jidduu filannoo jiru baadhachuu waan hin dandeenyef ta’a.
Deebii namoonni agarsiisaniin baay’ee garaa na hanqata ture; haata’u malee booddee irra kanan hubadhe namoota kan jijjiirru nu akka hin taanedha. Onnee namootaa jjjiiruu kan danda’u ayyaana Waaqayyoo qofadha. Carraaqqii mataa kootitiin namoota jijjiiruf yaalii taasisuu irra namootaf kadhachuudhan yeroo fudhachuun akka na barbaachisu hubadheen jira. Deebiin ani isaanitt agarsiisuu qabu jaalalaa fi araara malee murtii ta’uu akka hin qabne hubadheen jira.
Azaad, Iraaq irraa
Maddi hiikkaa Called to a higher purpose
Islaamummaadhaf Deebii, Afaan Oromoo Fuula Duraa