MASGIIDA FI GAHEE INNI HAWAASA KEESSATTI QABU

Bareessitoonni:  Belshaazaari fi Abdeneegoo

Kan Hiike: Islaamummaadhaf Deebii Garee Afaan Oromoo

Duraan Dursa

Kun gabaasa jecha tokko qofa irratti hundaa’edha. Jechi kunis Masgiida (Maskiida) kan jedhu yemmuu ta’u dhaabbata yeroo hundaa oduu sab-qunnamtii gara garaatin dhageenyu kan bakka bu’uudha. Baroota dhihoon booda Masgiidota biyya Ingiliizi fi Awrooppaa keessatti argaman keessatti meeshaalen waraana fi barreeffamoonni  shororkeessummaa kakaasan argamanis biyyoota dhihaa biratti dhaabbanni kun akkuma Waldaa Kiristiyaana fi eddoowwan amantaa gara garaa eddoo waaqeffannaa akka ta’etti lakkaawwama. Haata’u malee argannaawwan ifa bahan kunneen gaafilee gara garaa kaasanii jiru. Barreeffamni kunis gaafileedhuma kanneen kan ilaallatuudha. Gaafileen kunneen: “Masgiidni eddoo waaqeffannaa qofaa? Gamoowwan kanneen keessatti sochiiwwan loltummaa taasifamuu kan danda’an Islaamummaa keessatti akka waaqeffannatti kan lakkaa’amu maal yoota’eedha laata? Sochiiwwan kunneen Islaamummaa kan bakka hin buune yoo ta’an abbootin Amantaa Islaamummaa maalif gocha kana hin balaaleffanne?” gaafilee jedhan of keessatti hammatu. Dubbiiwwan dhiifama gaafannaa fi ibsoonni gara garaa taasifamanis wantoonni kana fakkaatan irra deddeebidhaan akka hin raawwatamne ittisuuf humna hin qaban. Osoo dhugumaan wantoota Masgiida keessatti adeemsifamaa jiran kana ittisuu fedhanii maalif Fatwaa yookin ejjennoo seeraa cimaa ta’e baasuu didan?

Gaafilee armaan olitti ka’an kanneen kan fakkaataniidha haala qabatamaa amma jiruu fi ka’umsa wantoota amma ta’aa jiranii agarsiisudhan qorannoo barreessitoonni kunneen taasisan kana barbaachisaa kan taasise.

Haata’u malee qorannoo kanaaf ka’umsa kan ta’e sababni cimaan biraa ni jira. Innis Niiw Haam, baha magaalaa Landan keessatti bara 2012 ganna keessa Olompiikii taasifamuuf hojiin isaa xumuramuudhan tajaajila kennuu akka eegalu kan himamee fi Masgiida isa waaqeffattoota 70,000 keessummeessuu danda’uun balaan ifa ta’e mul’achuu isaati. Hawaasa wanta kanaan hubame keessa namoonni jiraatan haala ifa ta’een akka mul’atutti waa’ee kanaan rifaatuu keessa kan galan yemmuu ta’u gaafilee kanneenif deebii ni barbaadu. Deebii kanas yeroon osoo hin barfatin ammuma argachuu fedhu.

Barreessitoonni qorannoo kanaa fedha isaanitiin Islaamummaa gadi lakkisanii kan bahan yoo ta’an waa’ee barbaachisummaa biyyoota Islaama hin taane keessatti walabummaa filannoo kamuu taasisuudhaf qabnu akkasumas Masgiidni kun (yookin kan biraa) dhiibban inni hawaasa irratti geessisu, keessumattuu Masgiidni Niiwhaam eddoo irratti ijaarramuudhaf karoorfame naannawa hawaasa jiraatan gidduutti balaa geessisuu danda’u dubbachuudhaf gahumsa kan qabaniidha.  Gabaasa kana dhiheessun dirqama ta’ee waan argameef Masgiidni kun giddu gala fakkii Islaamummaa akka ta’e akkasumas maddeen Islaamummaa irraa ka’uudhan wantoota yemmuu Masgiida keessatti raawwataman dhiifama argamsiisan ilaalchisee qorannoo gadi fageenya qabu qopheessanii jiru. Islaamummaa amantaadha jennee waamuu iirra caala “karaa jiruu” jennee waamuu filanna. Sababni isaatis bara Muhaammad irraa eegalee seerri shari’aa Islaamaa siyaasaa irraa eegalee hamma diinagdeetti deebii akka qabu irra deddeebi’amee waan dubbatamuu fi irra caala immoo jireenyi Islaamummaadhan ala hiika akka hin qabne waan dubbatamuufi.

Barreessitoonni – beektonni Islaamaa iyyuu wantoota dubbataman hunda faccisuudhaf hamma hin dandeenyetti maddeen Islaamaa fayyadamuudhan wantoota sirritti odeeffannoo dhugaa ta’een deeggaraman qofa fayyadamuudhaf of eeggannoo cimaa taasisanii jiru. Haata’u malee namoonni Dhihaa halicha ilaalcha gaaridhaan ilaaluu fedhanii fi kitaaba xinnoo tana keessatti ilaalcha kaa’ame fudhachuudhaf namoonnii fedha hin qabne odeeffannoowwan kanneen haalli isaan itti busheessan jiraachuu ni mala. Haalota nageenya fi wal danda’iinsa agarsiisan faallatti Islaamummaan inni Masgiida keessatti lallabamu akkuma sab qunnamtiilee gara garaatin dhageenyu ilaalcha shororkeessitootaa, du’anii ajjeesuu, Al qaa’idaa fi kkf of keessaa qaba.

Dura bu’oonni keenya Awrooppaa, Waashingitan, Paaris, Barliin yookin Mooskoo keessatti argaman garaa qulqulluudhan waa’ee amantaa Islaamummaa wantoota gaarii ta’an nutti himanii jiru. Akkasumas dura bu’ootaa fi daldaltoota Musliimaa baay’ee jajanii fi kabajan waliin walitti dhufeenya siyaasa fi dhuunfaa karaa hedduun uumanii jiru. Namoonni Musliima ta’an kunneen tarii warra garaa qulqulluu qaban ta’uu ni dadnda’u haata’u malee namoota waa’ee amantaa isaanii hubannoo gahaa ta’e hin qabaannedha. Haata’u malee baroota dheeran booda jaarrota dabran keessa Islaamummaan akkuma dadammaqe, fakkeenyaf bara 1979 Iraan keessatti warraaqsa Islaamummaa taasifame sana kan fakkaatu yoo adeemsifame namoonni haala isaan ittiin mormuu hin dandeenyen gara Amantaa Islaamummaa cimaatti harkifamuun isaanii hin oolu.

Onnee Musliimota ejjennoo laafaa qaban kanneen keessatti haala lakkoofsi isaa dabalaa dhufeen haaromfama Islaamummaa taasisuuf yaadun ni jira. Yoo qalbeeffannee ilaalle ta’e yeroo ammaa kana ol guddachaa kan jiran sochiiwwan haaromsa Islaamummaa, barummaa, walabummaa dhuunfaa, filannoo amantaa, seerota Islaamummaa cimoo laaffisuu fi kkf sochiilee lallaban ni ilaalla. Wanti akkasii kun dhugumaan kan nama gammachiisu ni fakkaata. Haata’u malee dubbiiwwan yaadachiisoo ta’an muraasa dabaluun nu barbaachisa. Sochiilen akkanaa kunneen seenaa Islaamummaa keessatti ka’uudhan kufanii jiru. Sochiilen haaromsa Islaamummaa hunduu dhuma irratti injifatamanii akka waan faayidaa hin qabneetitti gatamanii jiru. Kanaaf fakkeenya kan ta’u biyya Ispeen, Kordobaa keessatti gubamuu barreeffamoota Ibin Rushdidha. (warra Dhihaa biratti Averoos jedhameet beekkama). Namni kun bulchiinsa mootummaa keessatti qaadii (Abbaa Seeraa) shari’aa ture. Barreeffamoonni isaa “dhugaan” maddeen Islaamummaatin alatti argamuu ni danda’u yaada jedhu kan qaban waan turaniif akka arrabsootti lakkaa’amanii jiru. Namni kun falaasamaa hojiiwwan Aristootil gara Awrooppa fi Addunyaa Islaamaatti nama galcheedha.

Naannawa Addunyaatti akkuma haleellawwan shororkeessummaa dabalaa dhufaniin biyyoota Dhihaa keessatti sab qunnamtiile jiraniin sochiiwwan siyaasa fi loltummaa Masgiidota keessatti ta’aa jiran kunneen gaafin irratti ka’aa ni jira.

Dubbicha haala salphaa ta’een lafa kaa’uf Addunyaan ammaa tun wantoota Islaamummaa keessatti ta’aa jiran kanneenin bitaan ishee galee jira. Uummanni Islaamaa walakkaan, keessumattuu mirga namoomaa, mirga filannoo fi akkasumas Al-Qaa’idaan Islaamummaa bakka nibu’a moo hin bu’u gaafii jedhuun dhiphin keessa akka lixan nan amana. Ani dhuunfaa kootitti Islaamumaa keessatti haaromfamni ni taasifama abdii jedhuun baroota dheeraf eegan ture. Beelshazaari fi Abdanaagoon namni Musliima ta’ee fi hin taane kamuu xiinxaluu hojii qabu nuuf dhiheessanii jiru.

 Tarii hojii kana sirritti yoo xiinxaltan haaromfamni akka Kiristiyaanummaa fi Yihuudii keessaatti taasifame maalif Islaamummaa keessatti taasifamuu akka hin dandeenye ni hubattu. Na hin shakkinaa, wantoonni kunneen dhugaa ta’uu isaanii irra ani osoon dogongoree nan filadha ture.

                                                                                                                                                Gide’on

                                                                                                                                                Ebla, 2006

Islaamummaadhaf Deebii, Afaan Oromoo, Fuula Duraa

MASGIIDA FI GAHEE INNI HAWAASA KEESSATTI QABU

Bareessitoonni:  Belshaazaari fi Abdeneegoo

Kan Hiike: Islaamummaadhaf Deebii Garee Afaan Oromoo

Seensa

Masgiidonni akka addunyaatti eddoo waaqeffannaa ta’uu bira darbanii Fulbaana 9/2000 giddu gala daldala Addunyaa isa Niw York keessatti argamu irratti haleellaa gahe, haleellaa Magaalaa Maadriid kessatti baabura irratti gahe, akkasumas yeroo dhihoo haleellaa Magaalaa Landan keessatti awtoobisii fi baabura lafa keessaa irratti gahe qindeessudhaaf gahee isaan taphatan ilaalchisee dhaabbileen oduu biyyoota Dhihaa barreeffamoota heddu mata duree kana irratti akka dubbisiisan taasisee jira.

Fakkeenyaf gaazexoonni lameen “The Times” fi “The Guardian” Jedhaman waa’ee Masgiida Finisbarii Paark barreessanii jiru. Isaanis kan barreessanii turan waa’ee sochii siyaasa fi loltummaa Musliimotaan isaan keessatti adeemsifamaa turanii yemmuu ta’u Musliimonni kunneenis yeroo booda biyya Yaman keessatti sochii shororkeessummaa irratti hirmaatanii turan. Barreeffamoonni kunneen manneen barnootaa (madrasaawwan) Masgiidota kanneenin wal qabatanii argaman namoota kanneen leenjisuu keessatti shoora isaan qaban irratti gaafii dhiheessanii jiru. Kunis kan agarsiisu akka walii galaatti yaadotaa fi gochaawwan akkanaa kana kakaasuu keessatti shoora madrasoonni qabaniidha.

Yeroo dhihoo keessatti masgiida guddaa tapha olompiikii bara 2012 taasifamuuf baha magaalaa Landan keessatti ijaarramuuf jiru ilaalchisee uummata dhiibban irra gahe gidduutti sodaawwan walfakkaaton daandiwwanii irrattii fi barreeffamoota irraa ni dhagahamu.

Guddinaa fi bareedina gamootin Masgiidonni isa Niiw Haamitti argamu fakkaatan akkuma Addunyaattuu lakkoofsan muraasa. Masgiidni hamma arbaa gahu kun ollaa nagahaan jiraatu maddiitti yemmuu ijaarramu sodaa kakaasun isaa kan hin oolledha. Sodaawwan kunneen (sochii danquu, jeequmsa sagalee, gatii meeshaalee miidhuu fi kkf) Masgiidni kun akka hin ijaarramne dhoorkudhaaf sababa gahaa ta’uu ni danda’uu? Namoonni pirojeektii kana maallaqaan deeggaran faayidaa Masgiidni kun naannoodhaaf akkasumas biyyaaf qabu ibsuudhan “walabummaa amantaa, waaqeffannaa akkasumas yaada bilisaan ibsuu Yunaaytid Kingidam keessatti argamu” caqasanii gabaasa dhiheessanii hojii guddaa hojjechuun isaanii kan hin oolledha.

Masgiidni maal akka ta’e, hojiin isaa, irra caalas walitti dhufeenya hawaasaa ni cimsaa, waliin jireenya nagahaa hawaasa keessatti ol ni guddisaa, waliin jireenya amantaaleef eddoo ni mijeessaa? jedhanii gaafachuu fi qorachuun barbaachisaadha.

Kuni madaallamuu kan danda’u bu’uura amantaa Islaamaa kan ta’an qur’aana fi sunnaan akkasumas kanneen lameen keessaa ba’uudhan kan qindeeffame seerri shari’aa wanta dubbatanii fi adeemsa isaanii qorachuudhani.

Dubbistoonni sochiiwwan siyaasa fi loltummaa Masgiidota keessatti adeemsifaman hubachuu akka danda’an fakkiiwwan taasisan, barreessitoonni Islaamummaa gurguddoon barreeffamoota barreessan akkasumas murtiiwwan seeraa Fatwaa jedhamanii beekkaman barreeffama xinnoo tana keessatti galanii jiru.

Wantoonni guyyaa keessatti raawwataman ulaamadhaan (namoota beekkumsaa fi angoo seera Islaamummaa qabaniin) dhaddacha seera shari’aatin erga calalamanii booda gara Masgiidaatti gadi buufamuudhan sochiiwwan siyaasa fi loltummaa gara garaa hojiitti ni jijjiiramu. Seeronni kunneen cimoo fi gaafiidhaan ala waan ta’aniif miseensota garee gaggeessituutin yaadota dhuunfaa ka’aniif eddoon hoomtuu hin jiru.

Haata’u malee murteen dhumaa Masgiidota keessatti hojii irra oolu kun duraan dursee kan maddu karoorawwan ulaaman irratti murteessun isa barbaachisu, barsiisu fi kkf kan keessaa argaman Masgiidota keessati (Fakkii 3 ilaalaa).  Gaggeessitoonni masgiidaa barumsa qaban kunneen gara ulaamatti kan guddatan yemmuu ta’an isaanis gaggeessitoota Masgiidaa, lallabdoota, beektotaa fi gaggeessitoota fatwaa baasaniidha. Murteewwan kanneen qoma isaanitiin ni dubbatu, ni ibsu akka hojii irra oolanis ni taasisu! Seerota qur’aana keessaa ba’an irratti kan hundeeffaman yoo ta’an hoojii irra oolumsi isaanii gaaffii yookin mariidhaf hin dhihaatu.

Dubbistoota keenyaf hiibbowwan kanneen hiikudhaaf yemmuu yaalllutti liphii jalqabaatin jechoota Kiristiyaanotaa fi Yihuudotaatin wal fakkeenya kan qaban jechoota fakkaatan ni ibsina. Jechoonni kunneen wal fakkeenyi isaanii qubee qofaan akka ta’e beekun gamnummaadha. Jechoota duraan beektan kan isinitti fakkaataniif hiika yemmuu kenninu obsaan nu hordofaa.

karaa hawaasummaas ta’ee karaa seeratiin  Masgiidonni yeroo kamuu Islaamummaa keessatti giddu gala, jalqabaa fi dhuma waa’ee Islaamummaa ta’uu isaanii hubachiisudhaaf jechoota haarawa (kan akka taqiyyaa) akkasumas jechoota durii (kan akka jihaadaa fi hijiraa) ni ibsina.

Islaamummaadhaf Deebii, Afaan Oromoo, Fuula Duraa

MASGIIDA FI GAHEE INNI HAWAASA KEESSATTI QABU

Bareessitoonni:  Belshaazaari fi Abdeneegoo
Kan Hiike: Islaamummaadhaf Deebii Garee Afaan Oromoo
Kutaa Tokkoffaa
Ilaalcha Islaamummaan Waa’ee Jireenya fi Amantaatif Qabu
Ilaalchi Islaamummaan waa’ee walitti dhufeenya jireenya fi amantaatif qabu ilaalchota hawaasota biroo irraa baay’ee addadha. Hawaasota Islaama hin taane keessatti jireenya jechuun “amantaa” bira darbee wantoota heddu of keessatti hammata. Dabalataanis amantaa filanne hordofuuf walabummaan qabnu kan kabajamee fi seeranis kan deeggaramuudha.
Jireenya fi Amantaa Islaamummaa keessatti
Yaadni “filannoo” jedhu mataan isaa Islaamummaadhan kan balaaleffame ta’uu bira darbee akka yaada farra Islaamummaatti lakkaawwama. Walabummaan filannoo kan hin jirre ta’uu bira darbee amantaan kan dhuunfatii miti.
Islaamummaa keessatti jireenyi fi amantaan walitti hidhata cimaa kan qabanii fi kan adda hin baanedha. Musliimni tokko amantaa isaa gara amantaa biraatti yoo jijjiire seera Islaamummaatin yakka du’aan isa adabsiisu ta’a.
Kutaan Musliimonni yeroo waa’en walabummaa amantaa ka’e hunda caqasan inni “amantaatti nama dirqisiisun hin jiru” (Suuraa 2:256) jedhu akka barbaachisaa ta’ettii jal’ifamuudhan ni hiikama. Kunii fi kutaalen jalqaba irratti Muhaammadiin dubbataman isaan laafoo ta’an haqamuudhan mul’atoota haarawaan bakka bu’anii jiru. Kunis akka seera tumtoota Islaamummaati fi hiiktota qur’aanaa beekkamoo ta’aniin dubbatamuttidha. (Kan haqame yemmuu ta’u irra deddeebidhaan maalif akka caqafamu beekuu yoo feetan kutaa waa’ee taqiyyaa dubbatu ilaalaa).
Filannoo amantaa irratti dirqisiisun erga hin jiraannee seerri Sa’uudii Arabiyaa Musliimni biyyattii keessa jiraatu amantaa isaa yoo jijjiire akka du’aan adabamu kan murteessuf maalifi? Lammii Afgaanistaan kan ta’ee fi amantaa isaa gara Kiristiyaanummaatti kan jijjiirrate Abdul Rahmaan duuti itti murtaa’ee mana hidhaa keessatti kan dararamaa jiru maalifi? Mahdii Jibaad amantaa isaa gara Kiristiyaanummaatti waan jijjiiref bakka bu’oota mootummaa Iraanin kan ajjeeffameef maalifi? Abbootin angoo Iraan namoota amantaa isaanii gara Bahaa’ii jijjiirratan kan ari’ataniif maalifi?
Addunyaa Islaamaa kam keessattuu namni tokko amantaa isaa ifaan jijjiirrachuu isaa yoo beeksise adda foo’amuu, abbootii seeratiin dararamuu, hidhamuu fi kana bira darbees murtiin du’aa isa ni eeggata.
Namni tokkoo eenyullee mufachiisudhaaf osoo hin yaadin “raajichi Islaamummaa Muhaammad nama qulqulluu hin turre” yookin “Islaamummaan amantaa dhumaatii miti” jedhee yoo dubbate biyya Islaamaa kam keessattuu akka gantuu fi nama Waaqayyo arrabseetti lakkaawwama. Fakkeenyaf seerri akkasii seera adabbii yakkaa Paakistaan lakk. 295 A, B fi D irratti akka himametti hidhaa waggaa kudhanii irraa eegalee hamma umrii guututti yookin immoo du’aan ni adabsiisa.
Kutaalen qur’aanaa armaan gadii fakkaatan “amantaatti nama dirqisiisun hin jiru” isa jedhu kan irra deddeebidhaan dubbatamu sana haqanii jiru:
Suuraa 9:5, 11 “Yeroo ji’oonni kabajaman raawwatanitti mushrikoota (namoota waaqolii biroo waaqa dhugaa waliin waaqeffatan) eddoo argattanitti ajjeesaa. Qabaa, itti marsaa, isaan eeggachuudhafis karaa irra riphaa. Yoo qalbii jijjiirratan, salaatas seera isaa eeganii yoo sagadan, kennaa arjoomaa dirqiitis yoo kennan karaa isaanif gadi dhiisaa. Allaahn dhiifama kan godhuu fi gara laafessa.”
Suuraa 8:38-39 “Namoota hin amannetti akkas jedhii itti himi, amanuu dhiisuu irraa kan deebi’an yoo ta’an inni darbe dhiifama ni godhamaaf. Haata’u malee kan didan yoo ta’an adabbiin warra isaan duraa irra gahe akeekkachiisa isaanif ni ta’a. Badiin tokkollee hamma hin jirree fi amantaan hundinuu kan Allaah hamma ta’utti isaanin lolaa isaanis ajjeesaa.”
Dabalataanis seera baastonni Islaamumma fi shari’aan dubbii “amantaatti nama dirqisiisun hin jiru” jedhu kana kan hiikan Araboonni, Yihuudonni, Kiristiyaanonni akkasumas warri amantaa hin qabne walabummaa gara Islaamummaa dhufuu akka waan qabaniitti malee amantaa isaanii islaamummaa irraa gara biraa jijjiiruu akka danda’anittii miti. Walabummaa kennee jira kan jedhamu yoo ta’e walabummaan inni kenne karaa tokkoon qofadha. Yeroo ammaa kana dursitoonni Islaamaa Addunyaa Dhihaa keessatti argaman Musliimni kamiyyuu amantaa isaa Islaamummaa irra gara birootitti yoo jijjiire akka hin ajjeefamne labsanii jiru haata’u malee kana kan raawwataniif sab qunnamtii qofaaf ta’uu ni danda’a. Dhugumaan onnee isaanii irraa osoo ta’ee fatwaa (labsii seera Islaamaa) isa sirrii ta’e baasudhaan hojii irra akka oolu dhaabbilee isaanii kan akka organization of Islamic Conference, The Muslim World League, The Union of Islamic Ulama, Al Azhar University fi kkf gaafachuu qabu turan.
Fakkiiwwan    
Fakkiiwwan armaan gadii sirritti qalbeeffachuun ilaalaa. Fakkiin 1 kan mul’isu namoota Islaama hin hordofne biratti amantaan kutaa jireenya gahee murtaa’aa qabu qofa akka ta’eedha.




Fakkii 1. Addunyaa Islaama hin taane keessaatti walitti dhufeenya amantaa fi jireenyaa
Rog afreen inni duraa jireenya yemmuu jedhamu amantaan kutaa jireenyaa xinnaa ta’ee mul’ata. Kana jechuunis namni tokko hammuma fedhe amantaa isaatif kan inaafu yoo ta’eyyuu eessattii fi yoom waaqeffannaa gaggeessuu akka qabu, kadhannaa dhuunfaa isaa yoom gochuu akka qabu, fuula isaa garam garagalchee kadhachuu akka qabu, nyaata nyaatu, eenyu waliin michoomuu akka qabuu fi kkf walabummaa guutudhaan kan murteessu isa jechuudha.
Amma immoo Fakkii 2 xiinxalaatii wal madaalchisaa. Ilaalchi amantaa rektaangilicha kan guute yemmuu ta’u jireenyi immoo kutaa ishee xinnoodha. Akka ilaalcha Islaamummaatti amantaan wanta hundaa ni ta’a jechuudha. Seera qulqullummaa dhuunfaa eeguu irraa eegalee hamma wantoota gurguddoo hawaasa keessatti raawwatamaniitti kan argannu amantaa irraati.





Fakkii 2: walitti dhufeenya amantaa fi jireenyaa Islaamummaa keessatti
Hiika Islaamummaa
Islaamummaan akka namoonni Dhihaa yaadan sanatti amantaa qofa ta’ee kan lakaa’amuu miti. Garuu wanta hundaa kan of keessatti hammateedha. Irra caala hawaasummaa-siyaasaa fi hawaasummaa-amantaadha. Innis hawaasummaa-diinagdee, hawaasummaa-barnootaa, seera tumuu fi seera kabachiisuu yemmuu ta’u jechoota amantaatin kan golgameedha. Kutaa jireenyaa hordoftoota isaa hundumaa, walitti dhufeenya waliin qabanii fi walitti dhufeenya namoota Musliima hin taane waliin qaban hunda kan too’atuudha.
Jireenya hawaasa Musliima fi kutaa jireenya isaanii kamuu too’achuu keessatti shoora ol anaa kan taphatu Masgiida.
Eddoo waaqeffannaa ilaalchisee Islaamummaa fi amantaalen biroo (fakkeenyaf Kiristiyaanota, yihuudota, warra amantaa Hinduu hordofan, kkf) jechi isaan fayyadaman kan wal fakkaatu yemmuu ta’u yaad rimee fi hiikni isaanii karaa qabatamaa ta’een garaagarummaa ni qaba. Jecha biraatin yaadolii Islaamaa, bu’uura amantichaa fi dhaabbilee isaa kanneen amantaalee biroo keessatti argaman waliin wal fakkeessun yookin tokko godhanii lakkaa’un nu hin barbaachisu. Akkas gochuun dogongora balaa fiduu fi kan bitaa nama galchu ta’a.
Qabiyyeewwan Gurguddoo Lameen
Islaamummaan walumaa galatti qabiyyeewwan gurguddoo lama irratti kan hundaa’edha:-
1.    Qur’aana :- kitaaba Allaah biraa gara Muhaammad karaa ergamaa Gabri’eelitiin waggoota 23 keessatti suuta suutan akka bu’e himamuudha.
2.    Sunnaa:- qixuma qur’aanaa yookin immoo isa caalaa barbaachisaa akka ta’e kan amanamu yemmuu ta’u fakkeenyiwwan Muhaammad kan keessatti sassaabbamaniidha. Wantoota Muhaammad jechaa fi hojiidhan barsiise akkasumas akka godhan wantoota isaan ajaje hunda of keessaa qaba. Sunnaan yookin fakkeenyi raajicha Muhaammad kuni Islaamummaadhaf bakka bu’aa kan hin qabneedha. Sunnaan osoo jiraachuu baatee barmaanni yookin amantiin Islaamummaa kamiyyuu sirritti hubatamuu hin danda’uu. Qur’aanniyyuu hubatamuu hin danda’u.
Uummata Musliimatiif Muhaammad ol aana fi kabajaa guddaadhan akka fakkeenyatti kan ilaalan waan ta’eef isa fakkaachu fi akka barsiisa qur’aanatiin isaaf ajajamuu isaan barbaachisa.
Suuraa 68:4; “Ati (yaa Muhaammad) amala gaarii cimaa irra jirta.”
Suuraa 53:2-5; “Raajin keessan Muhaammad hin dogongorre, hin jal’annes. Ofuma isaa irraa kaases hin dubbanne. Inni dubbiin isaa mul’ata gadi bu’u malee kan biraatii miti. Ergamaa humni isaa cimaa ta’etu isa barsiise.”
Suuraa 33:21; “isin warra Allaah fi guyyaa isa dhumaa barbaaddaniif Alaahdhaafis warra ulfna baay’istanii kennitaniif ergamaa Alaah keessatti fakkeenya gaarii ni argattu.”
Suuraa 4:80; “Namni ergamtichaaf ajajame dhugumaan Allaahdhaaf ajajame. Namni ajaja irraa dheeffes (akka si hin yaadchisne). Isa akka eegduf nuti si hin ergineetii.”
Suuraa 48:8-10; “Nuti ragaa nama ba’u, oduu gaarii nama himuu fi sosodaachisaa goonee si erg9inee jirra. Ergamtichatti (akka amantan), akka isa gargaartan, akka isa kabajjan, (Allaah) ganamaa fi galgala akka faarsitan (isa ergine). Namoonni si waliin waadaa galan Allaah waliin waadaa galan. Harki (humni) Allaah harka isaanitii olidha.Namni waadaa diiges kan diige lubbuu isaa qofa irratti.”
Suuraa 59:7; “Allahn qabeenya namoota magaalotaa keessaa isa gara ergamaa isaatti deebise isin keessaa namoota abbootii qabeenyaa ta’an gidduutti akka hin deddeebine. Allaah fi ergamaa isaatif, firoota isaatif, ijoollee abbaa hin qabneef, hiyyeeyyotaaf, warra karaa adeemaniif (kan kennamuudha).”
Kanaafuu wanta kamiyyuu karaa Islaamummaatin yoo ilaallu kan hubannu abbootin seeraa bu’uurawwan lameen kana irratti hundaa’udhaan kan dubbatanii fi masgiidan kan tamsa’an ta’uu isaaniti.
Hubachiisa Qopheessaa:
Ajajoonni bu’uuraa Islaamummaa kan maddanii fi kan tamsa’an Masgiidota keessayi. Bu’uurri angoo isaanii immoo qur’aana fi sunnaa ta’uu isaanii barreeffamni armaan olii sirritti ni hubachiisa.
Islaamummaan hordoftoota isaa too’annaa cimaa jala kan oolchu akka ta’e beekkamus dhugaa amantichaa irraa akka hubannutti wanta amantaa bira darbe ta’uu isaa irraa kan ka’e guutumaan guututti amantaa qofa akka ta’e dubbachuun rakkisaadha.
Ilmi namaa hundi gaafii bu’uuraa kan ta’ee fi dagachuu kan hin dandeenye ni qaba. Amantaan waaqa biraa dhufe tokko immoo gaaffii guddaa ilama namaa ilaalchisee deebii qabaachuu qaba. Gaafin ilmaan namaa kuni jireenya bara baraa waliin kan wal qabateedha. Ba’aan qopheessitoota fuula kanaa lubbuun Musliimotaa gara fayyisaa isa dhugaa Ilma Waaqayyoo Iyesus Kiristoos akka deebituu fi jireenya bara baraa akka argattu gargaarudha.
Kaayyon kabajamaa ta’e kun akkamitti galma gahuu danda’a? kuni galma gahuu kan danda’u Macaafa qulqulluu garaa qulqulluudhan dubbisuu fi dhugaa Waaqayyoo barbaadudhaaf onnee qopheessanii cubbuu irraa qalbii jijjiirratanii amantiidhan gara Waaqayyoo karaa Iyesus Kiristoosin dhihaatanii dhiifama gaafachuudhani. Waaqayyo isin yaa gargaaru.
Islaamummaadhaf Deebii, Afaan Oromoo, Fuula Duraa

Masgiida fi Gahee Inni Hawaasa Keessatti Qabu

Barreessitoonni: Beelshaazaari fi Abdineegoo

Kutaa Lammaffaa

Hiika Masgiidaa

Arabiffaan inni “Masjid” jedhamee beekkamu jechi kun hundeen isaa Sajiida yookin Suju  kan jedhu yemmuu ta’u hiikni isaa waaqeffannaa jechuu akka ta’e yoo yaadneyyuu hiikni isaa inni sirriin garuu “huurudhaan (afaanif funyaanin) gadi kufuu” jechuudha. Islaamummaa keessatti waaqeffannaan seera Allaah isa ifa ta’e (Shari’aa) jabeessanii qabuu fi hojii irra oolchudha.

Islaamummaa keessatti yaad-rimeen walitti dhufeenya namaa fi Allaah gidduutti adeemsifamu gonkumaa hin jiru. Barsiisni Macaafa Qulqulluu inni Waaqayyo akka Abbaa keenya ta’e dubbattu Islaamummaa keessatti gonkumaa hin argamu. Waaqayyo nutti dhihoo akka ta’u kan godhe barsiisni Macaafa Qulqulluu Kiristoos akka nuuf du’e dubbatu sunillee hin argamu.

Barsiisni Macaafa Qulqulluu namoonni fakkii Waaqayyootin akka uummaman dubbatu Musliimota biratti kan balaaleffamuu fi akka Waaqayyoon ganuutti kan lakkaa’amuudha. Kanaafuu jaalalli Waaqayyoo inni Kiristiyaanonni itti gammadan Islaamummaa keessatti gonkumaa hin beekkamu. Islaamummaa keessaatti kaayyon waaqeffannaa garbichi gooftaa isaatif mataa ofii isaa gocha itti dabarsee kennu mul’isuuf kan ooludha. Sahri’aan yookin seerri Allaah ifa ta’e namoonni fedha isaanitiin kan hojii irra oolchan ta’us ta’udhabaatus kan filannoodhaf dhihaatu osoo hin ta’in humnaan kan hojii irra ooludha. Kun ta’uu yoo dhiise jihaadni barbaachisaa ta’ee ni argama jechuudha.

Masgiida Akka Eddoo Walga’iitti (Arabiffaan Jama’aa)

Jechi yeroo bay’ee Masgiida waamudhaaf oolu Arabiffaan jecha jama’aa jedhu yemmuu ta’u hundeen jecha kanaatis walitti qabamuu yookin walga’uu hiika jedhu qaba. Masgiidni hawaasa Musliimatiif akkaataa seera islaamummaa ifa ta’een gahee wiirtuu aangoo kan taphatuu fi amantaa irrattis ta’ee dirqamawwan gara garaatif labsii baasuf eddoo oolu waan ta’eef akkasumas haala qabatamaa jiru waliin walitti dhufeenya qaban ilaalchisee eddoo qajeelcha itti argatan waan ta’eef eddoo isaan itti walgahaniidha.

Akaakuwwan Masgiidotaa Gara Garaa

Masgiidonni hunduu sadarkaa wal qixa ta’e hin qaban. Garaagarummaawwan kunneen sababa barsiisa amantaatin, jechuunis, garaagarummaa Shi’aa fi Sunnii gidduu jiruun yookin immoo garaagarummaa Suufi fi Salafii gidduu jiruun kan uummamee miti. Garee Islaamummaa tokko ta’e keessattiyyuu Masgiidonni barbaachisummaa isaanitiin garaagarummaa ni qabu.

Garaagarummaan kun kan uummamee yeroo Muhaammad “kadhannaan Masgiida biroo keessatti si’a kuma dhibba tokko taasifamu kadhannaa Masgiiga Makkaa (Ka’abaa) keessatti si’a tokko taasifamu waliin walqixa” jedhee itti dubbatetti. Itti fufiinsanis kadhannaan si’a kuma tokko eddoo biraatti taasifamu kadhannaa si’a tokko masgiida isaa kan magaalaa Madiinaa keessatti argamu waliin walqixa akka ta’ee fi kadhannaan si’a dhibba shan Masgiida biroo keessatti taasifamu kadhannaa si’a tokko Masgiida Al Aqsaa Yerusaalem keessatti argamu keessatti taasifamu waliin walqixa akka ta’e dubbatee jira.

Sababa armaan olitti ibsamee fi sababoota walxaxoo ta’an kan biroo irraa kan ka’e Musliimonni faayidaalee seenaa isaani fi kaka’umsa adda ta’een Masgiidota isaanii gulantaalee gara garaatti qoodanii jiru. Kanarraa kan ka’e Masgiidonni lama magaalaa Kaayiroo keessatti xinnoo addaan fagaatanii kan argaaman ta’anis faayidaa amantaadhaf kennan irraa ka’uudhan wal ni caalu jechuudha. Kadhannaan Misr Al Gadiidatti kadhatamu kadhannaa Amiir Ibn Alaas keessatti kadhatamu irra ni xinnaata. Daandiwwan lama ce’ee isa argamu irra Masgiidni Sa’id Zaynab nicaala.

Masgiidni tokko barbaachisaa ta’ee lakkaa’amuudhaf umrii dheeraa qabaachun isa irraa hin eeggamu. Barbaachisummaan isaa kan madaallamu sababoota siyaasa fi amantaa gara garaa irraa ka’uudhan akkasumas barsiisa, lallabaa fi maal akka of keessaa qabu akkasumas eenyu akka ijaare wantoota jedhan irratti hundaa’udhaani. Fakkeenyaf Jama’aat Tabliighii Dhaabni jedhamu wiirtuu isaa gara Landan, Paaris yookin immoo garuma eessatuu yoo jijjiire Masgiidni sun barbaachisumaan karaa amantaa fi siyaasaa uummata Islaamaa gidduutti qabu ni dabala. Kunis ta’uu kan danda’e hundeessitoonni fi miseensonni dhaabichaa Mankaraarsummaa Islaamaa jaarraa 7ffaa jabeessanii waan qabanii fi kanarratti hundaa’uniis misiyoonota leenjisaa waan turaniifidha.

Jama’aat Tabliighin hawaasa Musliimaa keessatti kabajaa fi ulfina argachuu sababni danda’eef kaka’umsa Islaamummaa sadarkaa Addunyaa irratti taasifameef gaheen inni taphate ol’aanaa waan ta’eefi.

Hojii fi Gahee Masgiidotaa

Masgiidonni hunduu ajaja Muhaammadiin Masgiida yeroo jalqabaatif Madiinaa keessatti ijaarrame fakkeenya godhachuudhan kan ijaarramaniidha. Masgiidni inni duraa hawaasa Musliimaa gidduutti gahee inni taphachaa ture osoo hin barin hojiilen Masgiidaa maal akka ta’an baruun rakkisaadha.

Muhaammad adeemsa baqannaa Makkaa irraa gara Madiinaa isa Hijiraa jedhamee beekkamuu fi Islaamummaa keessatti faayidaa hafuura fi siyaasaa guddaa isa qabu yemmuu taasisetti jiraattota Madiinaa keessaa baay’onni isaanii Musliima hin turre. Yihuudonni baay’en, Araboonni amantaa isaanii jijjiirratan, Kiristiyaanonni akkasumas warri amantaa hin qabne Magaalaa Madiinaa keessa jiraachaa turan.

Barbaachisummaan isaa hammam guddaa akka ta’e mul’isuudhaf Muhaammad akkuma Madiinaa gaheen mana isaayyuu osoo hin ijaarin dura Masgiida ijaare.

Seerri Shari’aa madiinaa keessatti yemmuu hojii irra ooletti Masgiidni iddoo barnoonni amantaa itti kennamuun alatti eddoo wantoonni biroo heddu itti adeemsifamu ta’uun isaa ifa ta’e.

1.     Mana barnoota Islaamummaa (madrasaa) barsiisni bu’uuraa Islaamummaa itti kennamuu fi gargaartonni Muhaammad jala ta’anii eddoo itti baratan ture.

2.     Ajajniwwan hafuuraa eddoo itti darbuu fi dhiibbaa Islaamawaa hin taane jihaadan balaaleffachuudhaf dubbiilen jajjabeessuu eddoo itti kennamu ta’ee tajaajila ture.

3.     Bara Muhaammadis ta’ee erga inni du’ee booda hordoftoota isaatin duulonni jihaadaa kan itti labsamanii fi mariidhaf kan itti dhihaatan akkasumas tooftaan kan itti bahuu fi ajajdoonni waraanaa eddoon itti ramadaman Masgiida keessatti ture.

4.     Muhaammadiinis ta’ee duuka bu’oota isaatin bakka bu’oonni Islaamaa eddoon itti muudamanii fi ergama fudhatan Masgiida ture.

5.     Bakka bu’oonni gosootaa eddoo itti muudaman ture.

6.     Gosoonni Arabaa Muhaammadii fi Islaamummaadhaf eddoon itti waadaa galan bakkuma kana ture.

7.     Dhimmoonni bulchiinsa Islaamummaa eddoo itti raawwatamanii fi yeroo sanatti wiirtuu mootummaa Islaamaa akkasumas Masgiida ta’ee tajaajila ture.

8.     Jihaadni kan labsamuu fi loltoonni Musliimaa addunyaa injifatanii qabachuudhaf kan bobba’an Masgiida keessaa ture.

9.     Gargaartonni Muhaammad hojiilee hojjetaniif beekkamtii kan argatanii fi diinota Islaamaa barbadeessudhaaf akkasumas mormiilee cal’isiisudhaaf eddoon itti jajjabeeffaman achuma ture.

10.  Muhaammad akkasumas namoonni eddoo isaa bu’an kan akka Abu Bakr, Umar, Usmaan akkasumas Aliin bulchiinsota gara garaatif abbootii seeraa, raayyaa isaanitiif ajajdoota kan itti muudanii fi raayyan jihaadaf qophaa’e gara duulaa kan itti bobba’u akkasumas abbootin angoo gurguddooni fi namoonni qaraxa sassaaban kan ergaman Masgiida keessaa ture.

11.  Walii galteewwan gara garaa kan hayyama argatan eddoo kanaa ture.

12.  Shari’aan Islaamaa kan labsamuu fi hiiku fi hidhuun, hayyamuu fi dhoorkun kan labsamu Masgiida keessatti.

13.  Edduma kanatti ol’aantummaan Musliimotaa fi gad’aantummaan namoota Musliima hin taanee ni labsama.

14.  Dhiironni dubartoota irratti ol’aantummaa akka qabanii fi namoonni wal qixa akka hin taane itti labsama.

15.  Hunda caalaa kan nama gaddisiisu namoonni Muhaammad gaddisiisan yookin immoo namoonni isa haala gaaridhaan hin dubbisne murtiin du’aa kan itti murtaa’u fi loltoonni inaaftota ta’an adabbii sana hojii irra oolchudhaaf eddoon isaan keessaa bobba’an Masgiidadha.

16.  Yakkitoonni diinota Muhaammad barbadeessan raajicha isaanitiin eddoon itti ulfina argatanii fi itti leellisaman Masgiida keessattidha. Kanneen armaan gadiitis fakkeenyota haala kana mul’isaniidha.

A.     Asmaa Bint Marwaan daa’ima ishee osuma hoosisaa jirtuu Umayer Bin Al Khatem nama jedhamuun haala sukanneessadhaan kan ajjeeffamte

B.     Suufiyaan Bin Kaalid Abdallaa Bin Anis kan ajjeese

C.     Namni Yihuudii Abu Afaaq jedhamu Salem Bin Amayeriin kan ajjeeffame

D.    Abdallaa Bin Atiiq namni jedhamu nama Yihudii Ibn Abi Haqiiq kan ajjeese

E.     Alii Ibn Xaalib nama Nader Ibn Hariit Jedhamu kan ajjeese

17.  Dhuma irrattis raayyan loltoota Islaamaa haleellaa geessisuu fi bifa addunyaa jijjiirudhaaf kan Socho’an Masgiida keessaa ture.

Masgiidota Baraa fi Gahee Isaanii

Musliimonni martinuu Muhaammadiif ajajamuu fi dubbii fi hojiidhan isa fakkaachun dirqama isaan irraa eeggamuudha.

Muhaammad tajaajilaan waggoota dabarse digdamii sadeen keessaa kudha sadi’i kan dabarse Makkaa keessatti ture. Waggoota kudha sadeen kanneen keessatti Masgiidni kan hin ijaarramne yoo ta’u gahee Masgiidonni taphatan gonkumaa hin dubbanne.

Kutaa Qur’aanaa isa Makkaa keessatti waa’en kadhannaa kan ka’e yemmuu ta’u kadhannaan Islaamaa har’a Makkaa keessatti beekkamu yeroo sanatti hin beekkamu ture. Kuni hundi kan dhufe kutaa Madiinaa keessattidha.

Haalli kun gaafilee akka gaafannu nu dirqisiisa. Waggootii kudha sadeen jalqabaa seenaa Islaamummaa keessatti Hawaasni Musliimaa kadhachaa kan ture eessattii fi akkamitti ture?

Musliimonni Islaamummaan yeroo Makkaatti jalqabametti waa’ee Masgiida turee homaa hin beekan. Kan beekan yoo ta’es haalichi iccitii guddaa waan ta’eef wanti isaan beekan xinnoo qofa ta’a.

Beektonni Musliimaa sababa Masgiidni hin turreef ibsuuf yemmuu yaalanitti Kaa’abaan Masgiida akka ture, yeroo sanatti garuu Araboota amantaa hin qabneen too’atamaa waan tureef Muhaammadii fi duuka bu’oonni isaa eddoon sun hamma waaqolii tolfamoo irraa qulqullaa’utti irratti kadhachuu akka hin dandeenye ni dubbatu. Yeroo sanatti warroota amantaa hin qabne sana bituudhaf humna siyaasaa yookin loltummaa hin qabu ture. Kanaafuu ilaalcha isaanitiin mul’anni Muhaammad Madiinaa keessatti argate, Masgiida jalqabaa ijaarun isaa, humna loltummaatin angoo siyaasaa argachuun isaa akkasumas Makkaa too’annoo jala oolchun isaa duraa duuban dhufuun isaanii dirqama ture.

Masgiidni jalqabaa Madiinatti ijaarrame waajjira siyaasaa isa jalqabaa ta’uun isaa beekkamaadha. Tajaajilli isaatis bifa lama kan qabu yemmuu ta’u innis kan hawaasummaa-amantaa fi hawaasummaa-siyaasaa ture.

Bu’uura Muhaammad yeroo Masgiida jalqabaa ijaare kaa’e irraa kan ka’e Masgiidonni baraa fakkeenya Masgiida jalqabaa isa Madiinatti ijaarramee hordofuu qabu.

 

Islaamummaadhaf Deebii, Afaan Oromoo Fuula Duraa